⦁    Seensa 
Magalaan Jimma magaalota biyya Itoophiyaa umurii dheera qaban keessaa  isa tokko dha.  Bara 1922 keessa hundeeffame. Umuriin isaas wagaa189 dha.Anoleen naannoo  omisha bunaatiin beekamtoota dha.Keessumatti iyyuu anaan Gommaa biyya Itoophiyaa jedhamu keessattis ta’e addunyaa guttuu ttii argama buna gosa Koffii arabiikaa(Coffee arabica) jedhamu waan ta’eef  bayy’ee beekamaa dha. Akkasumaas ummatnni jimma ogummaa adda addaa qabu.fakeenyaafis hojii mukaa sibilaa uffataa  fi hojii gogaa fi kalleetiin beekamaa dha.ogummaan hojii sibilaa fi mukaa hanga ammaatti itti fufee jira sababaa ogummaa kanaa ,argama bunaa hundeefama yunivarsiitii jimma seena qabeessumaa magalaa jimma fi argama daandii asphaaltii guddaa karaa  lixaa, bahaa fi kibbaa kan walqunnamsiisu  irraa kan ka’e giddu gala daldalaa ta’u dandeesse tti.Ummatni magaala seenaa jalaala fi waliin jireenyaa gaarii  niqaba. Haata’u malee guddin magaalattii hanga bara 1995 tii tti boodatti hafaa ture. Magaalan Angoo offiin of bulchuu bulchinsa nannoo oromiyaa irraa labsii lak.65/1995 dhaan kennameefitt fayyadama jira). Haluma kanaan riiformii gaggeessu dhaan sektaroota(waajiralee adda addaa fi  banuu fi caasaa manaqopheessaa diriirsuu dhaan kantibaa, kaabinee fi hojigageessaa dhaan buluu jalqabe..Rifoormiin kun angoo alwlta’insa(decentralization) waan kennuuf caasaa isaa hanga gandaatti diriirsuu dhaan hojjachii jalqabe..yeroo ammaa labsii motummaa nannoo oromiyaa lak 196/2008 dhaan bulaa jira. Magalaan jimma qabeenya hedduu invasti mantii dhaaf olu qabdi.Haluma kanaan carraa jiru haala magaalattii fi hanqina jiru ibsuudhaaf piroofaayiliin kun afaan Oromifaa ,afaan amaraa fi afaan ingiliziitiin qophaa’aa jira.Wagga waggaa dhaanis ni qophaa’a
⦁    Hundeefama  Magaala  Jimmaa
Magaalaan  Jimmaa mootummaa Abbaa Jifaar 1ffaa  dhaan bara 1922 hundeefame Abbaan Jifaar Jimmaan bara 1830-1855 G C bulchan.  JechI” Abbaa” jedhu  fuuldura maqaa galuun kabaja dhiira maatii godhateef kan kennuudha. Haaluma kanaan magaalaan jimmaa maqaa isaanii irratti hundaa’uun Jimmaa Abbaa jifaar jedhamee waamama. Yeroo sanatti gabaan beekamaan hundaa’e hermaataa fi Mandaraa kan jedhamantu  ture.   
Mootolee Jimmaan bulchaa turan keessaa isaan baay’ee beekamaan (prominenit ruler) Abbaa Jifaar 2ffaa jedhamuun beekamu. Isaanis Jimmaan bara 1875-1934 G Ctti bulchanii,  bara 1926 akka A.L. H  lubbuun isaanii darbe.Abbaa Jifaar 2ffaanis Mootii shanan gibee Jimmaan bulchaa turan keessaa isaan dhumaati. Yeroo isaan bulchaa turanittis naannoo Hermaataa jedhamu iddoo gabaa guddaa fi baay’ee beekamaa ture. Daldalli yeroosanatti geggeefamaa tures Warqii,ilkaan Arbaa,buna,zibaadii fi k.k.f dha. Daldalli kunis Jimmaa ka’eeti hanga somaalee,sa’uud arabiyaa fi Yamanitti gaggeefamaa

⦁    Moggaafama Magaala jimmaa
Magaalli Jimmaa maqaa Jimmaa jedhuun kan moggaafamte gosa Oromoo maccaa keessaa Jimmaa Waayyuu kan jedhamanii dhaani. Oromootni Maccaa kunis naannoo kibba lixa biyyattii keessa jiraataa turani.
Sanyiin kibba lixa biyyattii keessa jiraataa turan kunis afree sadachaa jedhamuun beekamu .Sanyiin sadachaa kunis kan inni hundaa’ee argamu Jimmaa fi Gibee shanan keessatti yemmuu ta’u,Kanamalees sanyiin kun gara Iluu abbaabooraafi wallaggaa keessa faca’anii argamu. 
Gibeen shanan kunis Jimmaa,Aggaaroo,Geeraa,Guumaa fi Limmuu yemmuu ta’u Jimmaa waayyuun immoo garee jimmaan keessa jiraatan keessaa isa tokkoodha. Maqaan Jimmaa jedhus kanuma irraa fudhatamuun moggaafame. 
Maddi :- Barreefama hundeefama waggaa 178ffaa Jimmaa irraa , Kitaaba seenaa kutaa 9ffaakan bara 2010 A L H

⦁    Hundeefama Mana Qopheessaa Magaala Jimmaa
Manni qopheessaa  magaala Jimmaa kan hundeeffame labsii lakk (DECREE NO) 74/ 1973tiiniidha. Hundeeffama kana boodas labsii lakk (decree No)1/1946 fooyya’ee ture galii fi rakkina hawaasummaa salphisuu ture.
Manni qopheessaa Magaala Jimmaa yeroo hundaa’e magaalota yeroo sana biyya Itoophiyaa keessa jiran Finfinnee, Asmaraa, Dirree Dawaa,wajjin magaalota beekamaa 4ffaa ture. Haata’u malee yeroo ammaa manni qopheessaa magaala Jimmaa, mootummaan naannoo Oromiyaa dhaabbatee labsii lakk 65/95 dhaan dhaabbate. Hundeefama mootummaa naannoo Oromiyaa irratti labsii lakk 65/1965tiin bulchiinsa magaalaa Jimmaa keessaa akka w/ra tokkoo ta’eera. Labsii lakka 195/2008 labsameen aangoo fi ga’een hojii itti kennameera .