City Council
Mission
Ergamaa fi Mul’ata mana maree magaala
Ergamni barbaachisummaa hundeeffama jaarmiyaa kan agarsiisuu yoo ta’u, mul’anni immoo jaarmayichi waggoota dhufan keessatti jijjiirama kallattii hundaan fiduudhaan maal irra akka gahuun irra jiraatu kan agarsiisuu dha. Haaluma kanaan ergamaa fi mul’ata Caffee Naannoo Oromiyaa bu’uureffachuun kan qophaa’e yoo ta’u akka Mana Maree Magaalaa keenyaatti ergamni fi Mul’atni akkasumas dudhaaleen haala kanaa gadiitti ta’anii jiru.
Vision
Mul’ata (
Bara 2017tti Magaalli Jimmaa iftominni raawwii hojii mootummaa keessatti mirkanaa’ee, hirmaanaan lammi siyaas-dinagdee keessatti qabu guddatee, bulchinsi gaariinii fi dimokraasiin keessatti dagaage taasisuu dha.
Core Values
Dudhaalee (Core Values) mana maree magaalaaJimmaa
- Olaantummaa Seeraa
- Hirmaachisummaa
- Iftoomina
- Ittigaafatamummaa
- Aantummaa uummataa
- Al-logummaa
- Aadaa fi dudhaa uummataa kabajuu
Overview
Overview
Manni marii ummataa qaamolee mootummaa sadan keessaa is tokkoo fi qaama ummatni of keessaa filateen waan gurmaa’eef qaamolee mootummaa abbaa aangoo olaanaa akka ta’e heera mootummaa irratti ifee argma. Kun immoo ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti aangoo ol’aanaan kan ummataa akka ta’e kan agarsisuudha. Gurmaa’insi, caaseffamnii fi hoj- maatni manneen mareetis haala gahee bakka bu’ummaa kana bahachuu danda’anutti sadarkaa olii hanga gandaatti akka diriirus ta’ee jira. Manneetiin maree hunduu sadarkaa jiranitti of danda’anii kan sochoo’anii fi gahee hojii heeraa fi seeraan kennameef kan bahatanu yoo ta’es dambiiwwan, qajeelfamootnii fi maanuwaaliin hojii mana marii ittiin hogganuu fi raawwachuuf gargaaran bu’uureffachuun karoorsuun, raawwachuun, madaaluun gabaasuun fi kkf hoj-maata manneetiin marees ta’ee qaamolee mootummaa isaan biros kan hordofaa turanii fi gara fuula duraattis itti hojjataniidha. Karoora isaanii kana keessattis hojiileen ijoo manneen maree irratti bu’ureeffatanu toora xiyyeeffannoo hojiiwwanii mana marii sadan yoo ta’u hojiileen gurguddoon milkaa’ina kaayyoo karoorichaatiif gargaaran xiyyeeffannoo kan itti argatanuudha.
Akka mana marii magaalaa jimmaattis hojii hordoffii fi to’annoo akka hojii qulfiitti qabachuun hojiirra oolmaan seerotaa, dambiiwwanii fi qajeelfamootaa hojiin bu’a qabeessummaa karooraa fi bajataa hojiin kenniinsa tajaajilaa fi mirkaneessaa bulchiinsa gaarii fi hojiin kiraasassabdummaa dhabamsiisu dhimma hojii hordoffii fi to’annoo kana keessa xiyyeeffannoon addaa kennamanuuf ta’uun karoora kana keessatti qabamee jira.
Hojiiwwan armaan oliitti tuqamanis ta’ee hojiiwwan gurguddoo karoora kana keessatti qooda fudhannaan ykn hirmaannaan ummatichaa akka guddatu gochuun barbaachisaadha. Keessummaa hojii hordoffii fi to’annoo keessatti hojiilee misoomaa fayyadamummaa ummaticha bifa walqixa ta’een geggeeffamuu mirkaneessuu fi nagaa fi tasgabbii bifa amansiisaa ta’een itti fufee fi komiin xiqqaatee rakkoon B/Gaarii hiikamuun akka mirkanaa’u gochuu keessatti ummatni shoora olaanaa akka bahatu, qaamni hunduu dhimmoota kanarratti akka tumsu manni marii magaalaa Jimmaa xiyyeeffanna kennee kan hojjatu ta’a.
Hanqinaalee raawwii bara 2013 darbe keessatti mul’atan bifa fooyaa’a ta’een akka raawwatan karoora kana keessatti ni hammatamu. Walumaa galatti karoorri kun hojiiwwan qaamolee mootummaan hojjatamanu hunduu bifa itti quufinsa ummataa argateen raawwachuuf raawwii hordofuun qooda mana marii kanaa akka ifee kan taa’ee fi qabiyyeewwan karoorichaas haala walii gala irraa kaasee haala magaalaa Jimmaa, haala mana marii magaalaa Jimmaa, ergama mul’ata, kaayyoo, galma, dudhaalee hojii qulfii tokko, hojiiwwan gurguddoof, hojiiwwan biro mana marii kanaan raawwachuu qabanu tarreeffama hojiiwwanii kallattii raawwii, rakkoo mudachuu danda’uu fi furmaata rakkoowwanii sirna hordoffii, gamaggama fi duub-deebii, gabatee raawwii kan of keessatti qabatee fi bajata hojii M/Marii barbaachisanu kan of keessatti Karoora imala badhadhina bu’uureffachuun kan qophaa’eedha.
-
- Haala Magaalaa Jimmaa
Magaalaan jimmaa magaalota gurguddoo Mootummaa naannoo Oromiyaa keessaa isaa tokkoo dha. Finfinnee irraa gara kibba lixaa Oromiyaatti K.M. 346.Yoo fagaattuu aanolee godina Jimmaa afuriin (4) marfamtee kan argamtu, seenaa Abbaa Jifaarii wajjiin kan wal qabattee magaala seena qabeettii dha. Haala kanaan gara kaaba lixaatiin aanaa Mannaa , gara bahaatiin Aanaa Qarsaa, gara kibbaa Aanaa Dedoo fi Kibbalixaatiin immoo Aanaa Saqqaa Coqorsaa wajjiin daangeffama.
Magaalli kun yeeroo adda addaa kantiibaaf koree kantibaatiin kan bulaa turtee yoo ta’uu bara 1995tti motummaan Naanno oromiyaa bulchiinsa magaaloota naanno haala haaraadhaan hundeessuf qajeelfama baaseen kan haala caaseeffama haaraa hoojii irra oolu jalqbee kanatti Bulchinsa magaalaa jimmaa kantibaa fi mana qopheessaa olaantuumman qajeelcha kana malees;yeroo ammaa bulchiinsa magaalootaa haala haaraatiin gurmeessuun bulchiinsoota gandoota 17 kan caasefammee dha.
Maasteer piilaaniin Magaalichaa bara 2013 (A.L.I) qophaa’e akka ibsutti magaalichi lafa KM2 105.7 kan balatu ta’e waligala magaalicha kana keessaatti %11 naannoo mana jireenyaa; %7.36 Lakkofsa baay’iina uummata magaala Jimmaa Dhiira 125952 Dubara 127602 ida’ama 253554