People
⦁ Baayyinna Ummata Magaalaa Jimmaa
Baayyinni Ummata magaalaa keenyaa akka biyyatti kan lakkaa’ame lakkofsa ummataa Istatiksiin biyyoolessaa bara 2007 akka lakkosa Awurooppaatti kan lakkaawameedha. dhira 60824 dubara 60136 Ida’ama 120960. Haa ta’uu malee guddinni ummata magaalaa akka biyya keenyaatti dhibbeentaa 4.72% dhaan guddachaa akka jiru tilmaama istatistiksiin biyyoolessaa kaa’e irraa hubachuun danda’amee jira.
Bu’uruma kanaan lakkofsi ummataa magaalaa keenyaa hanga bara 2013 A.L.I tti Dhiira 185549 Dubara 204,267 Ida’ama 389,816 jedhamee kan tilmaamamu yoo ta’u, baayyinna Abbaa warraatiinis . Baayyinni Ummata magaalaa keenyaa fi Abbaa warraa Dhiira 23,499 Dubara 14,399 Ida’ama 37,858 dha.