W/ra Bishaanii
W/Ra Bishaanii
Mission
Eergama Dhaabbatichaa
Dhaabbanni Taj. Bishaan dhu.fi dhangala’a .magaalaa Jimmaa Karoora guddina fi tiraansfoormeeshiinii mootummaan baase bu’uura gochuudhaan imaammattoota, seerotaa fi danbiilee bulchiinsa qabeenya bishaanii, kenniinsa tajaajila bishaan qulqulluu fi saaniteeshinii ilaalaniif guddina hawaas-diinagdee magaalaa keenyaa ariifachiisuuf gargaaran hojiirra oolchuudha.
Vision
Mul’atni keenya waggoota shanan (2013-2022) dhufan keessatti uummata magaalaa keenyaatiif bishaan dhugaatii qulqulluu fi gahaa ta’e gara % 100 tti ol guddisuu fi tajaajila saniteeshinii fooyyeessuu, ummanni Bishaan dhugaatii guyyaa gutuu (sa’aa 24f) akka argatu gochuudha.
Core Values
-
- Duudhaa Dhaabbatichaa
Duudhaan waajjira tokko amanataa galmaa fi kaayoo qabatee ka’e bakkaan gahuuf kan gargaaru yoota’u duudhaan Dhaabbata keenya “Bishaan Lubbuudha” Bishaan Qulqulluun hundaaf” Kan jeedhu dhaa. Akkasumas
- Hojiif dursa kennuu: Dhimma dhuunfaa adda addaa duubatti hamabisuu fi hojii kennameef dursa kennuun raawwachuu, guyyaa boqqanaa fi sa’aattii hojii ala hojjechuu;
- Itti gaafatamummaa fudhachuu: Abbummaa fi ittigaafatamummaadhan hojii hojjechuu;
- Gareen hojjechuu (Team work): Quba walitti qabuu dhiissuudhaan guddinniis ta'ee kufaatiin kan walii ta'uu amanuu fi fudhachuun hojii waliin raawwachuu;
- Kabaja walii qabaachuu: Akka ajajaa fi ajajamaatti wal-ilaaluu dhiisuun, akka nama tokkootti wal-ilaaluu fi hojii jiddu-galeessa godhachuun hojii raawwachuu, waliin jiraachuu fi guddachuu;
- Hirmaachisummaa: Hojii hojjetamu hunda keessatti qaama dhimmi ilaalu hundinuu haala itti hirmaachuu danda’an mijeessuu;
- Iftoomina: Hojii hojjetamu hunda iftoomaan raawwachuu, sadarkaa hundattuu hojiin raawwatamu iftaoominaan raawwatamuu akka qabu beeksisuu, barsiisuu fi malaamaltummaa irraa bilisa ta’uun hojachuu;
- Si’aa'ina: Hojii qulqullinaan yeroo murtaa'e keessatti raawwachuu, jechuun:
- Maammiltoota jiddugaleessa godhachuun hojii hojjechuu, bu’aa bahii malee tajaajila gahaa kennuu;
Sadarkaa qulqullina hojii yeroo yeroon fooyyessuun bu’aa barbaachisu